Falaasama Oromoo keessaa hanga har’aatti kan addunyaa ajaa’ibsiisaa jiru falaasama bulchiinsa Sirna Gadaa kan Hambaa Killiyaa Addunyaa ta’ee galmaa’edha. Sirni kun, kan Ummata Oromoo walitti gurmeessee waggaa saddeet saddeetiin gaheefi itti gaafatamummaa garaa garaa akka qabaatan taasisuudha.
Sirni Gadaa sochiiwwan siyaasa, dinagdee, hawaasummaa fi amantii kan hogganuufi dhimmoota walitti bu’insa furuu, hirphuufi mirga dubartootaa eeguu irratti xiyyeeffata. Sirni kun amaloota hawaasummaa bocuu, walitti dhufeenya cimsuu, adeemsawwan aadaa hawaasaa ibsuudhaaf akka meeshaa murteessaatti tajaajila.
Akkasumas, Sirni Gadaa jiruufi jireenya Oromoo waliigalaa kan hammatu waan ta’eef, haala salphaan ibsuun ni cima. Gadaan waan nama tokkoon yeroo tokkotti jalqabame osoo hin taane, bara dheeraa keessa gabbachaa kan dhufedha. Gadaan sirna bulchiinsa siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee qofa osoo hin taane, sirna walitti dhufeenya uumaafi uumamaa madaalasaa eegudha.
Sirna qaroominaafi falaasama Oromoon ittiin jiraatu mara ofkeessaa qabu, sirna guddifachaafi moggaasaan lammummaa kennee Oromoomsuufi sirna amantii, aadaafi safuufi safeeffannaa ofkeessaa qabudha.Jiruufi jireenyi Oromoo hundi sirna Gadaan qajeelfama; kana jechuun sirna walqixxummaa, hawaasummaa, dinagdee, waraanaa, siyaasa, falaasama, amantiifi mala yeroo ittiin lakkaa’an kan ofkeessaa qabu sirna waggaa saddeet saddeetiin marudha.
Gadaan sirna Oromoo kan ummatichi muuxannoo hawaasummaa jaarraa hedduu irratti hundaa’uun kalaqeedha. Sirni kun sirna nagaa biyyaa, sochiilee siyaasaa dinagdee, hawaasummaafi amantiin ummatichaa ittiin to’atamu yoo ta’u, safuu kabachiisuuf, nagaa buusuuf, tokkummaa hawaasaa ijaaruu keessatti gaheen inni bahaa turee fi bahaa jiru olaanaadha.........Kitaaba matadureen isaa 'IRREECHAAFI OROMOO IQQO bara 2016' jedhu keessaa kan fudhatame.
Kitaabni Irreechaafi Oromoo jedhu kun seenaa jalqabbiifi guddina Irreechaa, dhiibbaa alaafi keessaa Irreecha irratti geggeeffamaa ture, duudhaafi safuu irreeffannaa keessa jiru, akkasumas yoomiifi eessatti akka irreeffatamu, galata, kadhaa, eebbaafi afoola ayyaana Irreechaan walqabatan irratti xiyyeeffata.
Ummanni Oromoos kitaaba mata duree armaan olii kana bituun aadaafi seenaa isaa dhalootaaf haa dhaalchisu. Nesru Michael
This site was designed with Websites.co.in - Website Builder
This website was created by a user of Websites.co.in, a free instant website builder. Websites.co.in does NOT endorse, verify, or guarantee the accuracy, safety, or legality of this site's content, products, or services. Always exercise caution do not share sensitive data or make payments without independent verification. Report suspicious activity by clicking the report abuse below.
We appreciate you contacting us. Our support will get back in touch with you soon!
Have a great day!
Please note that your query will be processed only if we find it relevant. Rest all requests will be ignored. If you need help with the website, please login to your dashboard and connect to support